Barruu Labsii Yeroo Hatattamaa(Muddamaa) Lakk.5/2014 irratti qophaa’e.

Qophessaan Barrefama Kanaa Mulugetaa Megersaa

Wajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaattii Abbaa Alangaa Aanaa Coraa Botor

1.1. Seensa

Biyya tokko keessatti nagaa fi tasgabbiin uummataa akka mirkanaa’uuf mirgi namoomaa fi mirgi dimokraatawaa uummataa akka kabajamuuf mootummaan dirqama kan qabu ta’uun dhugaa ifa jiruudha.Mootummaanis dirqamoota kana bahuuf tooftaawwan adda addaa  baasun hojii irra oolcha .Tooftaawwan kanneen keessaa inni tokko fi ijoon seerota yeroo adda addaa bahan hojii irra oolchun qaamni seerota kana irra darbee argame akka adabamuu fi balleessaa irraa akka baratu taasisuu fi namootni biro immoo kana irraa baratanii yakka raawwachuu irraa akka of qusatan taasisuun lammiileen jireenya tasgabbii akka gaggeessan taasisuudha.Kana jechuun garuu sochiiwwan(taatewwan) biyyatti keessatti ta’an seera fi adeemsa idileetin yeroo hunda to’achuun ni danda’ama jechuu miti.Yeroo kanatti mootummaan tarkaanfiwwan akkamii fudhachuu akka qabu taatewwan addunyaa kana keessatti ta’an yommuu ilaallu labsiin yeroo hatattamaa(muddamaa) akka filannoo tokkootti kan fudhatan ta’uu hubanna.Kana gochuun mootummoonni nagaa fi tasgabbii biyyaa kabachiisuun dabalatatti mirga namoomaa fi dimookraataawaa lammiilee kabachiisuu danda’u.Akka fakkeenyaatti Biyya Faransaayii keessatti labsiin yeroo hatattamaa(muddamaa) waggaa lamaaf kan ture yommuu ta’u yeroo kanatti nagaa fi tasgabbii lammilee eegsisuun dabalatatti Pireezdaantii biyyattii filachuu danda’aniiru.Kana qofa osoo hin taane biyya Misiraa(Gibxitti) labsii yeroo hatattamaa waggaa shaniif ture baafteet turte. Kana qofa osoo hin taane biyyotni guddatan labsii yeroo muddamaa yeroo baasanii hojii irra oolchan arguun waan baratameedha.Gara biyya keenya Itoophiyaatti yeroo dhufnu immoo bara 2009,2010,2013 fi amma immoo 2014 irratti labsii yeroo hatattamaa yeroo afraffadhaaf kan baaste yommuu  ta’u labsii 2013 baheen alatti labsiiwwan sadan dhimma walfakaataa irratti kan bahan yommuu ta’uu labsiin bara 2013 bahe garuu dhimmi irratti bahuu danda’eef weerara dhibee koronaa bu’ura taasifachuun yommuu ta’u   labsiiwwan sadan hafan garuu bahuu kan danda’aniif nagaa fi tasgabbiin biyyaa waan boora’eef rakkoo kana furuuf immoo seeraa fi adeemsa seeraa idileetin to’achuun waan hin danda’amneef labsiiwwan kun bahuu danda’aniiru.Ammas  akka biyyaatti nagaan boora’uu bu’ura taasifachuun labsiin yeroo hatattamaa baatii (ji’a) 6’f turu bahuu danda’eera.   

Sagantaa hubannoo seeraa fm sagalee abbaa alangaa godina jimmaa jan 10 2022 Jimmaa Attorney FM, WAAGJ FM

Qophessan sagantaa kanaa obboo mulugeetaa megersaa godina jimmaa aanaa coraa botor irraayii. — Send in a voice message: https://anchor.fm/waagj/message
  1. Sagantaa hubannoo seeraa fm sagalee abbaa alangaa godina jimmaa jan 10 2022
  2. Sagantaa Xinxala Murtii dhadacha Ijibbaata Federaalaa galmee Lakk 16816 ta'en kennamee Seera Yakkaa MFDRI Kewwata 555 (c) fi 556 walbira qabuun qophii qophaa'ee kutaa 1ffaa. 4/27/2014
  3. Sagantaa Hubannoo seeraa Dhimma Falmii cheekii waliin walqabateee kutaa 1ffaa
  4. አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ይዟቸው የመጣው ዋና ዋና ነጥቦች የነሐሴ 12/2013 ስርጭት።
  5. Galmi kenya our objectives፣ እንደ ጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅፈት ቤት ግባችን

1.2. Labsii Yeroo Hatattamaa fi Seerota Idila Addunyaa

Heera Mootummaa Federaalawaa Rippublika Itoophiyaa keewwata 9(4) irratti akka tumee jirutti seerotni Idila Addunyaa Biyyi keenya mallatteesite akkuma seerota Paarlaamaan biyyattii baasetti kan hojii irra oolan ta’uudha.Kana jechuun biyyi keenya miseensa hawaasa addunyaa kanaa waan taateef seerotni idila addunyaa biyyi keenya mallatteessite  dirqama biyyattii irra kan kaa’an ta’uudha.Kanaaf waliigalteen biyyi keenya barbaaddee   fedhii isheetin mallatteessite hojii irra oolchuuf dirqama qabdi jechuudha.Kanaaf waliigalteewwan idila Addunyaa biyyi keenya mallatteessite muraasa akka armaan gadiitii ilaala.

1.2.1. Labsii Mirgoota Namoomaa Waliigalaa)(UDHR)

Sanadni kun Murtii Yaa’ii waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii lakk.217A(lll) kan mirkanaa’e yommuu ta’u biyyi keenyas erga mallatteessitee hojii irra oolchitee ooltee bulteerti.

Keewwata 3 irratti akka qajeeltotti namni kamuu mirga lubbuun jiraachuu,mirga bilisummaa mirga nageenyaa qaba jedha.Sanadni kun akka qajeeltotti kana haa jedhu malee

Keewwata 29(2) jalatti

Mirgootaa fi bilisummaawwan namoota birootif beekkamtii kennuuf haamilee fi nagaa uummataa akkasumas hojiiwwan gaarii hawaasa dimookraasawaa keessatti fudhatama qabaniif jecha mirgaa fi Bilisummaa namootaa irratti daangaan seeraan taa’u jiraachuu danda’a Jechuun tumee jira.Kan irraa hubachuun kan danda’amu haamilee fi nagaa uummataa waanti jeequ yoo jiraate kanaaf jecha mirgoota fi bilisummaawwan namootaa irratti daangaan dawoo seeraa keessatti kaa’amuu kan danda’u ta’uudha.

1.2.2. Waadaa Idila Addunyaa Mirgoota Diinagdee,Hawaasummaa fi Aadaa(ICESCR)

Waliigalteen biro biyyi keenya mallatteessite qaama seera ishee goote akka lakkoofsa Aurooppaa Mudde 3 bara 1976 hojii irra kan oole Waliigaltee Idila Addunyaa Mirgoota Diinagdee,Hawaasaa fi Aadaati.Sanada kana keewwata 4 jalatti akka tumetti faayidaa hawaasa waliigalaatif jecha mirgoota namoomaa irratti bu’ura seeraatin daangaan taa’uu kan danda’u ta’uu dirqama miseensota waliigaltee kana mallatteessan irra kaa’a.

1.2.3. Waadaa Idila Addunyaa Mirgoota Siviilii fi Siyaasaa(ICCPR)

Sadarkaa sadaffaa irratti waliigalteen argannu akka ;akkoofsa Awuroppaa bara 1976 bahuun hojii irra kan oole Waliigaltee Idila Addunyaa Mirgoota Siviilii fi Siyaasaati.WAliigaltee kana keewwata 4(1) jalatti biyyootni waliigaltee kana mallatteessanii fudhatan waanti hatattamaa birmadummaa biyya isaanii sochoosu yeroo uumametti kunis immoo yo ifaan labsame haala sana to’achuuf haala dandeesisu danda’u qofatti dirqamoota sanada kana keessatti fudhatanin  haala addaatin tarkaanfiwwan fudhachuu kan danda’an ta’uu ibsa. Haa ta’u malee tarkaanfiwwan fudhataman dirqamoota seerota idila addunyaa birootin eegaman kan sarbu,gosaan,bifaan saalaan,qooqaan,amantaan yookiin akkaataa dhufaatii hawaasummaa bu’ura taasifachuun garaagarummaa kan uuman ta’uu hin qaban jechuun tumee jira.

Advertisements
The Legality Principle Of Criminal Law In Ethiopia.

1.3. Labsii Yeroo Muddamaa fi Seerota Biyya Keenyaa

Gara biyya keenyaatti yeroo deebinu seerri jalqaba argannu Heera Mootummaa Federaalaati.Heera kana keewwata 93 jalatti weerarri biyya la yeroo mudatu yookiin sirna heera mootummaa waanti balaa irra buusu yeroo mudatu fi adeemsa seeraa idileetin to’achuun kan hin danda’amne yoo ta’e,balaan uumamaa kamiyyuu yeroo mudatu yookiin dhibeen fayyaa hawaasaa balaa irra buusu yeroo mudatu Manni Maree Ministeerota Mootummaa Federaalaa labsii yeroo hatattamaa tumuu aangoo kan qabu  ta’uu ibsa.Kana jechuun labsii yeroo hatattamaa labsuun deeggarsa(bu’ura) heera mootummaa kan qabu ta’uudha.

1.3.1. Labsii yeroo muddamaa ilaachisee Heera biyya keenyaa fi Seera Idila addunyaa

Heera mootummaa Biyya keenyaa keewwata 9(4) irratti taa’ee akka jirutti waliigalteewwan idila addunyaa biyyi keenya mallatteessite akkuma qaama seera biyya keenyaatti ilaalamu.Kana jechuun seerotni idila addunyaa yoo biyyi keenya mallatteessite akkuma seerota paarlaamaan biyya keenyaa baasetti lakkaa’amu(ilaalamu).Seerota idila addunyaa biyyi keenya mallatteessite keessaa tokko kan ta’e waliigaltee idila addunyaa mirgoota siviiliifi siyaasaati(ICCPR).Akkuma gubbaatti ilaalle waliigalteen idila addunyaa kun mirgootni dangaa’uu akka danda’an kaa’eet jira.Haa ta’u malee mirgoota haala kamiyyu keessatti hin daangofne (none derogable right) jedhee kaa’e keessaa tokko mirga lubbuun jiraachuti.Mirgi lubbuun jiraachuu lammilee haala kamiyyuu keessatti kan hin sarbamne ta’uudha.Kanas sanadichi keewwata 4(2) jalatti kan ibse yommuu ta’u.Keewwata kana keessatti kan ibsame jiraatus waliigaltee kana keessatti keewwata 6,7,8 ( keewwata xiqqaa 1 fi 2)keessatti tumaawwan  ibsaman ilaalchisee taarkaanfiwwan faallaa fudhachuun hin danda’amu jedha.Kana jechuun keewwata 6(1) jalatti mirga lubbuun jiraachuu ibsa waan ta’eef tarkaanfiwwan kun mirga kana sarbuu kan hin dandeenye ta’uu hubanna.

Gama biraatin immoo Heera Mootummaa Federaalaa keewwata 93(4)(C) jalatti immoo mirgoota labsii yeroo hatattamaa(muddamaa) jalatti sarbamuu hin danddenye tarreesseet jira.Kunis keewwata 1,18,25 fi 39(1 fi 2) haala kamiinuu mirgoota sarbamuu hin dandeenye ta’uu ibsa.Kana jechuun mirgi lubbuun jiraachu heera mootummaa keewwata 15 irratti ibsameera.Kanaaf akka keewwata heera mootummaa keenyaatti mirgi lubbuun jiraachuu mirga yeroo labsii muddamaa eegumsa hin arganne(derogable right) ta’uu hubanna.Kanaaf seerota idila addunyaa yoo mallatteesine tumaalee hunda raawwanna(hojii irra oolchina) tilmaama  jedhutu fudhatama.Yookin immoo akkuma biyyoota kaanii tumaalee tokko tokko akka hambifannaatti kan dhifne hanga hin taanetti maalif garaagarummaan kun uumame?.Kanaaf qaawwa kana akkamitti walitti araarsuu dandeenya?

Heerri Mootummaa seera ol’aanaa biyya tokkoo akka ta’e ifa galaadha.Kanaaf tumaaleen heera mootummaa kamiyyuu hambifannaa tokko malee raawwatamuu qabuu.Bu’uruma kanaan biyya keenyatti yommuu deebinu heerri mootummaa seera ol’aanaa biyya keenyaa ta’uu tumaa heerichaa keewwata 9(1) irraa hubachuun ni danda’ama.Heera kana keewwata 9(1) irratti immoo seerri kamiyyuu faallaa heera kanaa yoo ta’e fudhatama hun qabu jedha.Kanaaf Waadaaleen(waliigalteen) Idila Addunyaa kamiyyuu immoo akka seera tokkootti kan lakkaa’amu yoo ta’e heera faana walitti bu’uu hin qabu jechuudha.Kanaaf tumaa heera mootummaa fi tummaa waadaa idila Addunyaa Mirga sivilii fi Siyaasaa wal bira qabnee yoo ilaallu tumaan heera mootummaa fudhatama qaba kanaaf tumaan heera mootummaa sirriidha yaada jedhun qaba.(Yaada dhuunfaa barreessaati)

1.4. Labsiin yeroo muddamaa Seera Bu’uraati(Substantive law) moo? Seera Adeemsaati(Procedural law)dha?

Akkuma waliigalaatti seerri bakka lamatti qoodama.Innis seera bu’uraa fi seera adeemsaati.Seerri bu’uraa seera yakkaa,seera dhaalaa,seera qabeenyaa fi kkf yommuu ta’u seerri Adeemsa immoo seera adeemsa falmii yakkaa fi seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaati.Haa ta’u malee yeroo baay’ee labsiin yeroo muddamaa seera isa kam jalatti akka kufu falmiiwwan adda addaa kan ka’an ta’uun isaa hin oolu.

Seerota bu’uraa keessatti gochoota raawwatamuu qabanii fi raawwatamuu hin qabne kan tarreessu yommuu ta’u seerri adeemsa falmii immoo mirgoota seerota bu’ura keessatti tarraa’an yoo sarbaman adeemsa ittiin mirgi kun ittiin kabachiifamu yookin immoo yakkas yoo ta’e adeemsa yakki raawwatame ittiin furmaata seeraa argatu jechuudha.Kanaaf labsiin kun  kam jalatti kufa yookiin ramadama kan jedhu akka armaan gadiitti kan ilaallu ta’a.

Labsiin yeroo hatattamaa seera bu’uraati yaadni jedhu ni ka’a.Akkuma gubbaatti caqasame seerri bu’uraa keessattu seera yakkaatin walqabatee gochaawwan hin raawwatamnee fi raawwatamuu qaban tarreeset kaa’a.Labsiin kunis gochaawwan raawwatamuu qaban kaa’eet jira.Labsiicha keewwata 6(6) jalatti akka fakkeenyaatti yoo kaafne waraqaa eenyummaa osoo hin qabatin socho’uun dhoorkaa ta’uudha.Kana jechuun waraqaa eenyummaa qabachuun gochaawwan eeyyamaman ta’uu hubanna.Gama biraatin keewatuma kana jalatti shira dinagdee raawwachuun dhorkaa ta’uudha.Gama biraatin meeshaa waraanaa qabatanii socho’uun dhoorkaa ta’uu hubanna.Fakkeenyota biro kaasun ni danda’ama.Garee shororkeessaa deeggaruun dhorkaa ta’uu kaasun ni danda’ama.Kana qofa osoo hin taane labsichi keewwata 9 jalatti adabbii yakkaa kaa’eet jira.Kanaaf dhimmoota armaan olitti kaafne sababa godhachuun labsiin yeroo muddamaa seera bu’uraati jechuun ni danda’ama.

Labsiin yeroo muddamaa seera adeemsa falmiiti yaadni jedhu immoo gama biraatin ka’a.Gubbaatti akkuma jenne seerri adeemsa falmii keessattu seerri adeemsa falmii yakkaa adeemsa yakki raawwatame tokko furmaata seeraa itti argatuudha.Kana jechuun qorannaa yakkaa,ajaja sakatta’insaa,ajaja qabiinsaa,himannaa banuu murtii kennisissuu fi kkf hammachuu danda’a.Labsicha keessatti keewwata 4(5) irratti nama shororkeessaa fana walgargaara jedhee shakkii dhama qabeessaan shakke kamiyyuu ajaja Mana Murtii malee to’annaa jala oolchuu hanga labsiin kun raawwatinsa isaa dhaabutti qabanii tursiisuu yookiin  seera idileetin akka gaafatamu taasisuu kan jedhu tumeet jira.Kana irraa kan hubachuun danda’amu waa’een falmii mirga wabii,yeroo dangaa taa’e keessatti jechuun bu’ura s/d/f/y/keewwata 29(1) tin sa’aatii 48 keessatti mana murtii dhaquu fi mirgootni kaan  adeemsa birootin kan bakka bu’an ta’uu hubanna.Kanaaf labsiin yeroo muddamaa makaa seerota lamaaniti yoo jedhame deeggarsa seeraa qaba ilaalcha jedhutu jira.(Yaada birreessaati)

 

1.4. Labsii Yeroo Muddamaa fi Seera Yakkaa

Seera yakkaa Rippublika Dimookraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa bara 1996 bahee bara 1997 hojii irra oole kutaa guddaa lamaffaa kitaaba 3ffaa  boqonnaa tokko kutaa xiqqaa tokko jalatti mata duree yakkoota heera mootummaa fi mootummaa irratti raawwataman jedhu jalatti keewwatoota  238-260 jira jalatti heera mootummaa fi sirna heera mootummaatif eegumsa kan taasise ta’uu hubanna.Kana keessaa keewwata 258 yommuu ilaallu yakkoota heera mootummaa fi mootummaa irratti raawwataman adabbii umurii guutuu hanga adabbii du’aa kan hordofsiisan ta’uu hubanna.

Kanaaf  waliigalteewwan idila addunyaa armaan olitti caqasaman yommuu ilaallu akkasumas seerota biyya keessaa fi heera mootummaa akka waliigalatti walitti qabnee(cuunfinee) yommuu ilaallu labsiin yeroo hatattamaa(muddamaa) bahuun isaa bu’uura seeraa kan qabu ta’uu hubanna.

Ergaa Baga Ayyaana Qilleetif Gessan Hoggansa WAAGJ irraa

Itti Gaafatamaan waajhira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa kab. Obboo Sisay Eddessaa Abbootii Alangaa fi Hojjetoota Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa sadarkaa Aanaa, fi Godinaa jirtan maraaf akkasumas Hordoftoota Amantaa kiristaanaa taatan hundi keessan baga ayyaana Qillee kan bara 2014 tiin isin gahee jechaa Ayyaanni kun kan nagaa, kan milkii fi guddinaa akka isiniif ta’u hawwiiContinue reading “Ergaa Baga Ayyaana Qilleetif Gessan Hoggansa WAAGJ irraa”

Rate this:

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: