Waajjira A/Alangaa Godina Jimmaa. Jimmaa Zone Attorney Office. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት
Sensa
Adabbiin Tarkaanfii seeraa namootaa gochaa yakkaa jedhamee seera yakkaa
keessa jiru raawwatan irratti fudhatamuu dha(murtaa’u dha). Adabbiin kan
murtaa’uu sababiin yakkii wal fakkataan gara fuulduraa akka hin raawwatamne
ittisuuf namn9 yakka raawwate jedhamee sunis amala isaa akka sirreeffatuu fi dha.
Murtiin adabbii yeroo baay’ee adabbichi akka malee baay’ateera ykn
xinnaateerajedhamee qeequuf kan saaxilame dha. yeroo baay’ee yaadni ykn qeeqni
akkanaa kan ka’u adabbii sirri ta’e kennuu dhabuu ykn sababaa gahaa malee
yakkamtootaa yakka wal-fakkaatuu raawwatan adabbii wal-fakkataa argachuu
qaban jidduutti murtiin adabbii gargar ta’e murta’uu isaatiin dha. kunis sirni haqaa
biyyittii amantaa akka dhabu kan godhu dha.
Rakkoowwaan akka kanaa maqsuufis bu’uura seera yakkaa bara 1996 ,keewwata
88(4)tiin manni murtii Waliigalaa Federalaa qajeelfamaa adabbii yeroo jalqabaaf
baaseera.
Qajeelfamni adabbii amma bahe kun rakkoolee tokko tokko hambiseera.
Qajeelfama adabbii yeroo jalqabaaf biyyaa keenyaatti bahe qaawwaa seerri yakkaa
keenyaa qabu hanga ta’e dhiphisuun…
View original post 137 more words